Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Wiiliyaam Ruutoof ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Hagayya, 9, 2014(FBC)- Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Pireezidaantii 5ffaa Keeniyaa ta’uun kan filataman Wiiliyaam Ruutoof ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Hojiilee bal’aa fuulduratti isaan eeggatuuf carraa gaarii kan hawwaniif Muummeen Ministiraa Abiy, fuuldurratti dhimma gam-lamee fi faayidaa waloo naannawaarratti waliiin hojjechuuf abdii qaban ergaa gama Tiwiitaraa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Filannoo Pireezidaantummaa Keeniyatiin Wiiliyaam Ruutoon Muummee Ministiraa duraanii Keeniyaa Raayilaa Odiingaa qabxii muraasaan caaluun injifachuu isaanii Komishiniin Filannoo biyyattii ifoomseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.