Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy daawwii isaanii biyyoota Afrikaa xumuruun gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad daawwii isaanii biyyoota Afrikaa xumuruun gara biyyaa deebi’aniiru.
 
Dooktar Abiy Ahimad Muddee 28,2012 eegalee amma kaleessa Amajjii 3,2012tti daawwii hojii isaanii biyyoota Afrikaatin Riippabliika Giinii, Iikwaatooriyaal Giinii fi Riippabliika Afrikaa Kibbaa turaniiru.
 
Turmaata isaanii Riippabliika Giinitiin preezdaantii biyyattii Aalfaa Koondee waliin, Iikwaatooriyaal Giiniitti preezdaantii biyyattii Tewoodoor Obaamiyaang waliin, akkasumas Afrikaa Kibbaatti preezdaantii biyyattii Siiriil Raamaafoozaa waliin mari’ataniiru.
 
Daawwii hojii isaanitiinis hariiroo biyyoota isaanii gama hundaan cimsuurrattis mari’achuudhan waliigalteerra ga’aniiru.
 
Dooktar Abiy Iikwaatooriyaal Giinitiin mootummaa biyyattiirraa badhaasa niishaanii kabajaa argataniiru.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad mirgi lammiilee Ityoophiyaa kabajamee jiraachuu fi hojjechuurratti dureewwan biyyootii isaan daawwatan waliinii fi lammiilee Ityoophiyaa achi jiraatan waliinis mari’ataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.