Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy maatii fi firoottan miidhamtoota balaa xiyyaaraa waggaa har’aa qaqqabeef jajjabina hawwan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2012 (FBC) – Balaa xiyyaaraa Booyiing 737 Maaks 8, lakkoofsa balalii ET-302 namoota lubbuu isaanii dhaban ilaalchisuun muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad maatii fi firoottan isaanitiif jajjabina hawwan.

Muummee ministiraa yaadannoo waggaa balaa xiyyaarichaa sababeeffachuun maatii fi firoottan isaanitiif ergaa jajjabinaa dhaamaniiru.

Xiyyaarichi Bitootessa 1,2011 Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booletii ka’ee namoota 157 fe’uudhan gara Naayroobii Keeniyaa imalaa tureera.

Yaata’uutii turtii daqiiqaawwaniitin booda Shawaa Bahaa dhiyeenya magaalaa Bishooftuu; naannoo Tulluu Farraatti kufee caccabuudhan imaltoonni biyyoota 33 lubbuu isaanii dhabuun ni yaadatama.

Sirni yaadannoo imaltoota lubbuu isaanii dhabaniis Tulluu Farraatti gaggeeffamaa jira.

Jiraattonni Tulluu Farraa fi aanaa Gumbichuu dheengadda bakka abbootiin Gadaa fi warri muudaa, abbootiin amantaa, keessummoonni addaddaa argamanitti namoota balaa xiyyaarichaatin waggaa darbe lubbuu isaanii dhabaniif sirna dhibaayyuu ekeraa fi yaadannoo gaggeessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.