Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy misooma magariisaa qarqara lageenii naannoo Hoteela Sharaatan daawwatan

Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad misooma magariisaa qarqara lageenii naannoo Hoteela Sharaatanitti deeggarsa mootummaa Chaayinaatin hojjetamaa jiru daawwatan.
 
Hojiin proojaktichaa %45 irra kan ga’e yammuu ta’u, Caamsaa keessa ni xumuramaan eegama.
 
Daawwii kanarratti itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa fi hoggansi mootummaa biroon argamaniiru.
 
Proojaktiin kun qaama misooma magariisaa fi qarqara lageenii magaalaa Finfinnee; kiilo meetira 12 uwwisuuti.
 
Proojaktiin kun Fulbaana 20,2012 ture muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Saanji’oonin dhagaan bu’uuraa kan kaa’ameef.
 
Ogeeyyiin Chaayinaa Amajjii 2011 proojakticharratti qorannaa ega gaggeessaniin booda Eebila 2011 ture hojjechuuf waliigaltee kan mallatteessan.
 
Yerichattis muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi muummee ministiraa Chaayinaa Liikiichiyaang turan waliigalticha kan mallatteessan.
 
Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee waliigalaan Birrii biiliyoona 29n kan hojjetamu yammuu ta’u, waggaa 3 keessatti ni xumurama jedhameet eegama.
 
Proojaktichi misooma lageen magaalaa Finfinnee lamatti hiranii Inxooxxorraa gara Aqaaqiitti yaa’an kiilo meetira 56 uwwisa.
 
Hojichaan heektaarri kumni 4 kan misoomu ta’a.
 
Proojaktichaan misoomni riqaalee, haroowwan namtolchee, iddoowwan magariisaa, jiddugaloonni bashannanaa, geejibni bishaanii fi wiirtuleen daldalaa hammatamaniiru.
 
Proojaktiin misoomaa kun uwwisa magariisummaa magaalaa Finfinnee 0.3 irraa gara 7tti ol guddisa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.