Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Abiy Ahimad daayreektara olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 19, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad daayreektara olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adhaanoom waliin bilbilaan mari’atan.
 
Afrikaatti weerara dhibee COVID -19 ittisuuf deeggarsa godhamuu qaburratti mari’achuu isaanii Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Dooktar Teediroosii fi hojjettoonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa yeroo rakkoo kanatti hojii hojjechaa jiran dinqisiifataniiru.
 
Dhaabbatichi deeggarsa guutuu addunyaa, Afrikaa fi Ityoophiyaaf gochaa jiruuf galateeffataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.