Fana: At a Speed of Life!

MMI Tamasgeen Xurunaan Itiyoo Teelekoom daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-Walitti Qabaan Boordii Itiyoo Teelekoom Ministirri Muummee Ittaanaa Tamasgeen Xurunaan miseensota Boordichaa waliin Itiyoo-Teelekoom daawwataniiru.

Daawwannichaan Giddugala Muuxannoo, Giddugala Piriimiyeemii, Giddugala daataa moojulaarii fi giddugaloota tajaajila maamiltootaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti argamu daawwataniiru.

Wayita daawwannichaattis dhaabbatichi waliingahiinsaa konneektiivitii fi qulqullina fooyyessuun garasitti dijitaal soluushinii fi tajaajila faayinaansii dijitaalaa dhiyeessuun jireenya hawaasaa salphaa taasisuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Teelekoomii fi dandeettii bu’uuraalee misoomaa dijitaalaan carraalee uumaman fayyadamuun hojmaata dhaabbilee mootummaa dijitaalessuun tajaajila saffisaa, si’ataa fi amansiisaa dhiyeessuuf dandeettiiwwan dijitaalawaa ijaaraman akka beekanii fi akka itti fayyadaman taasisuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Itiyoo-Teelekoom Imala dijitaal Itiyoophiyaa galmaan ga’uuf tattaaffii fi gumaacha taasisaa jiru dinqisiifatanii, kunis cimee akka itti fufuuf boordichi deeggarsa fi hoggansa akka kennu eeruu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.