Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Federaalaa birrii biiliyoona 1.8 baasuun naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa dhiyyeessuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Mootummaan Federaalaa Birrii biiliyoona 1.8 baasii taasiisuun naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa dhiyyeessuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiise.
Waajjirichi duula olaantummaa seeraa naannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee deeggarsa namoomaa fi hojiilee biroo hojjetaman ilaalchisee ibsa laateera.
Ibsa isaan mootummaan Federaalaa lammiilee miiliyoona 3.8f deeggarsa dhiyaatu midhaan nyaataa kuntaala kuma dhibba 7 fi kuma 80 fi 534tti ol guddisuu himeera.
Naannichatti meeshaalee nyaataan alaa Birrii miiliyoona 80 baasu mootummaan Federaalaa deeggarsa taasiisuu ibsichi himeera.
Hospitaaloota 20 fi dhaabbilee 71 gara hojiitti galchuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibseera.
Dhiyeessiin meeshaaleen yaala fayyaa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 99 dhiyaachuu eereera.
Adeemsa baruu fi barsiisuu eegalchiisuuf qophiin ga’aan taasiifamuu Waajjirrichi ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.