Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan hojii Shanee qulqulleessuuf tarkaanfii fudhachaa jiru cimsee itti fufa- Caffee Oromiyaa

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) –  Mootummaan hojii Shanee qulqulleessuuf tarkaanfii fudhachaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu Caffeen Oromiyaa ibse.

Caffeen Oromiyaa Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaanitti, humni shororkeessaa Shanee lammiilee nagaa irratti raawwateen gadda guddaa itti dhagaahame ibseera.

Mootummaan nageenya lammiilee isaa kabachiisuuf tarkaanfii qindaa’aa fudhachaa bakka jirutti, kana jala dhaabbachuu dadhabuudhaan lammiilee nagaa irratti ajjeechaa sukkaanneessaa Shaneen raawwatameen hedduu gadduu eereera.

Miidhaa, dararaafi hiraarsa kana jalaa ummata baraaruuf, tarkaanfiin gama mootummaan fudhatamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu kaaseera.

Shaneen tarkaanfii fudhatamaa jiruun miidhaa irra gaheen, harcaatonni ishiis miira aariin ummata nagaa irratti yakka dalagaa jiraachuu fi ummanni dammaqinaan qamolee nageenyaa waliin qindaa’ee nageenya naannoosaa tikfachuufi mirkaneeffachuu, akkasumas harcaatota shanee irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuu akka qabu Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhaameera.

Ajjechaa gara jabinaa murni shororkeessaa Shanee raawwateen kanneen lubbuun isaanii darbeef gadda guddaa itti dhagaa’ame ibsuun, maatiifi firoottan isaaniif jajjabina hawwuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.