Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ingiliiz damee barnootaa Ityoophiyaa tumsuu kan itti fufu ta’uu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC) – Mootummaan Ingiliiz damee barnootaa Ityoophiyaa tumsuu kan itti fufu ta’uu beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaan ministira Ministeera Dhimma Misoomaa Idil Addunyaa Baaroonees Haag waliin deeggarsa barnoota waliigalaarratti mari’ataniiru.

Mootummaan Ingiliiz dubartoonni baadiyyaa barnoota isaanii akka hordofaniif tumsa kan taasisu ta’uu beeksisaniiru.

Finfinneetti barnoota ga’eessotaa laachuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Injiinar Geetaahuun beeksisaniiru.

Baaroonees Haag mootummaan Ingiliiz deeggarsa damichaan taasisu kan itti fufu ta’uu beeksisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.