Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Jarman Ministeera Qonnaaf meeshaalee nama malee balali’an (diroonota) deeggarsa taasise

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Mootummaan Jarman Ministeera Qonnaaf meeshaalee nama malee balali’an (diroonota) deeggarsa taasise.

Mootummaan Jarman Ministeera Qonnaaf meeshaalee nama malee balali’an (diroonota) deeggarsa taasiseera.

Diroononni kun balallii tokkoon otuu adda hin kutiin daqiiqaa 90 balali’uu akka danda’an ibsameera.

Wayita tokkotti lafa heektaraa 700 ragaa suuraa kaasuun qabachuu dandanda’us jedhameera.

Dabalataaniis hojiiwwan balaa ittisuuf akkasumaas furmaata biroo laachuuf dandeetti akka qaban eerameera.

Deeggarsi mootummaan Jarmaan taasise kun hariiroo biyyoota lameenii caalumatti kan cimsudha jedhameera.

deeggarsicha Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Jarman Isteefan Uuri Ministira Qonnaa Umar Huseenitti laataniiru.

Sirnicharratti hoggantoonni Ejansii Nageenya Odeeffannoo, Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Abbaa Taayitaa Siivil Aviyeeshinii argamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.