Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan lammiilee deeggarsa midhaan nyaataa ariifachiisaa barbaadan miiliyoona 4 deeggarsa dhiyeessuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 17, 2015 (FBC) – Mootummaan lammiilee deeggarsa midhaan nyaataa ariifachiisaa barbaadan miiliyoona 4 humna ofiin deeggarsa dhiyeessuu eegaluu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksise.

Ruuzii of eeggannoo yeroo balaaf kuufame kuntaala kuma 115, Daakuu fi midhaan nyaataa lammiilee deegarsa ariifachiisaa barbaadaniif raabsamaa jiraachuu Daayrektarri Oppireeshinii loojistikii komishinichaa Teediroos Dammiseen ibsaniiru.

Dabalataan Zayinni nyaataa leetirri miiliyoonni 2 fi nyaanni badhaadhaan kuntaalli kumni 60 lammiilee deeggarsa barbaadaniif ergamuu eeraniiru.

Kamisa darbee eegalee konkolaattoonni 56 deeggarsa kana imalchiisuu eegaluu dubbataniiru.

Deeggarsichi lammiilee deeggarsa yeroo ariifachiisaa barbaadan naannolee 12 keessatti argamaniif kan dhiyaatu ta’uu daayrektarichi eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.