Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannoo Sidaamaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasise

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirna hundeeffama bulchiinsa mootummaa naannoo Sidaamaa sababeeffachuun deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasiseera.
Guyyaan hundeeffama Naannoo Sidaama Magaalaa Hawaasaatti kabajamaa jira.
Sirna kabaja guyyaa hundeeffamaa Naannoo Sidaamaa kanarratti Preezdantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimalliis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoon federaalaa fi naannoolee argamaniiru.
Akka gabaasa OBNtti sirnicharratti Preezdantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa bbo Shimalliis Abdiisaa, mootummaan naannichaa Naannoo Sidaamaa haaraa hundeeffameef Birrii miiliyoona 100 gumaachamu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.