Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenyaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jira – BBNO

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC) – Biiroon Bulchiinsaaf Nageenyaa oromiyaa haala yeroo ilaalchisee ibsa kenneera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenyaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuun hojiiwwan misoomaa hunda milkeessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibseera.

Guutuun ibsa biirichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.

Hojiiwwan ijaarsa nagaa sirna itti fufiinsa qabu idileessuuf hojjetamuun cinaatti, humna nagaa gahumsaafi dandeettii cimaa qabu leenjisee bobbaasuun nageenya ummataa mirkaneessuurratti argama.

Humni nageenyaa Naannoo Oromiyaa nageenya qe’ee Oromoo mirkaneessuuf wareegama barbaachisu hunda kanfaluurratti argama.

Ummanni naannichaas bu’aa nagaafi misoomaa sirnaan waan hubateef humna nageenyaa tumsuun olitti, ijaaramee qe’ee isaa eeggachuufi finxaaleyyiifi saamtota naaffisuufi harka sassaabbachiisuu eegaleera.

Buhaa qindoominni ummataafi humna nageenyaa argamsiiseen bakkeewwan saaxilamummaa sodaa nageenyaa qaban baay’een yeroo ammaa haala gaariirratti argamu.

Tarkaanfii ol’aantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan itti fufiinsaan fudhachaa jiruun gufuuwwan nagaafi misoomaa hedduun buqqa’aa jiru.

Jaarraa maddaafi qulqullina odeeffannoo mirkaneeffachuun qormaata hamaa ta’aa jiru kanatti, humni fedhii dhuunfaafi hojii badii raawwachuurratti bobba’e ololaan ummata goolaafi yaaddessaa jira.

Humna hin qabne himachuufi aangoo hin qabneen dhaadachuurratti argama.

Shaneen humnaan biyya diiguuf yaalee dadhabe, olola fuula miidiyaa hawaasaarratti deemuun ummata burjaajessuufi yaaddessuuf dhama’aa jira.

Ammas ummanni naannoo Oromiyaa olola diinaatiif gurra kennuu dideera. Baadiyyaattis tahe magaalaatti hojii misoomaa qabatamaarratti argama. Humni nageenyaafi ummanni qindaa’ee dhaabachuudhaan yaalii badii geessisuu kashalabbootaa fashaleessaa jira.

Haa ta’u malee, Godinaalee Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Lixaafi Shawaa Lixaa akkasumas magaalaa Naqamteetti iddoowwan muraasatti diinni olola miidiyaa hawaasaarratti gadi lakkiseen sochii misoomaa gufachiisuuf yaaleera.

Tajaajila geejjibaafi daldalaa danquun ummata gidirsuuf aggaammii taasiseera.

Haa tahu malee, tarkaanfii caasaan mootummaafi nageenyaa gahaan sadarkaan jiru fudhachuu eegaleen yeroo ammaa bakka tokko tokkotti hawaasni sochiifi hojii isaa eegaleera.

Ammas taanaan, hojiin kashalabboota muraasa dahoo qabatanii ummata rakkisan qabanii seeratti dhiyeessuu hojii itti fufiinsaa waan barbaaduuf, ummanni deeggarsaafi eeruu caasaa mootummaafi nageenyaatiif kennuu eegale cimsee akka itti fufuufi nageenya naannoo ofii eeggachuu keessatti hirmaannaa isaa caalmaatti akka cimsu gaafanna.

Biiroo Bulchiinsafi Nageenyaa Oromiyaa
Finfinnee.
Maddi:-OBN

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.