Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Oromiyaa qulqullina barnootarratti xiyyeeffannoon hojjetaa jira-Obbo Haayluu Addunyaa

Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC)- Mootummaan naannoo Oromiyaa qulqullina barnootarratti xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Oromiyaa obbo Haayluu Addunyaan ibsaniiru.

Obbo Haayluun haala kenninsa seektara barnootan bara kana hojjetamaan ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Hojiin seekterichaan hojjetamaaniin magaalaa Finfinneetti manneen barnoota 105  keessaatti kan barataan barattoonni kumni 50 ol Afaan Oromootin barataa jiru jedhaniiru.

Hariiroo uummattoota naannolee cimsuufis naannoo Beenishaanguul Gumuuz keessaatti manneen barnoota 23 Afaan Oromootin barnoota laachaa jiru jedhan obbo Haayluun.

Naannoo Amaaraa bulchiinsa Adda Saba Oromoo godina Kamiseetti, naannoo Gaambellaa fi naannolee biroottis barnoonni  Afaan Oromoo laatamaa jira jedhaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa hojii kenninsa barnoota Gadaa eegaleen  manneen  barnoota kutaa 1-8tti jiraniif kenna jiraachuus himaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa hojii qulqullinaan barnoota hojjecha jirun manneen barnoota Ifa Boruu 100 ijaarsisuuf karoorfate keessaa  manneen barnoota 93 xumurun hojii baruuf barsiisuu eegaleera jedhan.

Manneen barnoota kunis Birrii biiliyoona 2 olii kan hojjetame ta’uu himaniiru.

Kana malees manneen barnoota bultii addaa torba ijaaraman taajajila barnoota kennu eegalaniiru.

Manneen barnoota kanneen keessatti afaanoonni alaa kan barsifaman ta’uu himamera.

Proojekti manneen barnoota Bu’uura Boruu Birriii biiliyoona 13 hojjetamanif taajajila laachaa jiru jedhaniiru.

Naannoo Oromiyatti manneen barnoota 163 mineensoota Shaneen gubachuu kan himan obbo Haayluun manneen barnoota 756 meeshaleen barnoota saamamaniiru jedhan.

Sababa kanan barattoonni kuma 527 barnootan alaa ta’uu himaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase

tyoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.