Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Tigraay nageenya duraan turetti deebisuuf qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2013 (FBC)- Mootummaan naannoo Tigraay nageenya duraan turetti deebisuuf qaamolee tumsiitoota fi deeggartoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Waajjirri Muummee Ministiraa haala waqtaawaa naannoo Tigraayiin ilaalchisee ibsa laateera.

Ibsichaan sochii naannicha yeroo ammaa jiru gara nageenya duraatti deebisuuf qindoomiinaan hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Naannichatti duula olaantumma seeraa kabachiisuu waliin wal qabsiisee lammiilee deeggarsa barbaadaniif wayita ammaa deeggarsi namoomaa taasifamaa jiraachuu ibsameera.

Kana waliin walqabsiisee dhaabbilee deeggarsa namoomaa taasisaan daangaa malee deeggarsa qaqqabsiisaa jiraachuu ibsuun hanga ammatti lammiilee miiliyoona 3.1f deeggarsi namoomaa qaqqabuu ibsameera.

Naannichatti lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf dhaabbilee deeggarsa taasisaanii fi tumsitoota misoomaa waliin tumsan hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Mootummaan naannoo Tigraay tasggabbooftee, nageenyaa qabduu fi jiraattootaaf mijaattee ijaaruuf murannoo qabachuu ibsameera.

Ibsichaan garee gantuu ABUT raayyaa ittisa biyyarratti haleellaan raawwateen walqabsiisee lammiileen naannoo Tigraay rakkoo garagaraatif saaxilamuu eerrameera.

Mootummaan garicha seeratti dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuus ibsameera.

Obsee Waaqgaariitin

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.