Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan walitti bu’iinsicha furuuf tarkaanfii furmaataa kamiyyuu fudhachuu cimsee itti fufa-TKM

Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) – Mootummaan walitti bu’iinsicha furuuf tarkaanfii furmaataa kamiyyuu fudhachuu cimsee kan itti fufu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilichi ibsa haala yeroo ilaalchisuun baaseen, Gamtaan Afrikaa qaamoleen marii nageenyaa dursan guyyaafi iddoo beeksisuun maricha akka eegalan waamicha dhiyeessuu eereera.

Mootummaan Ityoophiyaa mariin nageenyaa kun mariisiisummaa Gamtaa Afrikaa qofaa fi haal-duree tokko malee gaggeeffamuu akka qabu ejjennoosaa ibsachaa turuu yaadachiiseera.

Walitti bu’iinsicha hiikuuf mootummaan tarkaanfiiwwan furmaataa hunda fudhachuuf hojjechaa ture cimsee kan itti fufu ta’uu eerameera.

Tajaajilichi ibsa guyyaa har’aa baaseen, Gamtaan Afrikaa qaamoleen marii nageenyaa dursan guyyaafi iddoo beeksisuun maricha akka eegalan waamicha dhiyeessuu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.