Fana: At a Speed of Life!

Mormitoonni Iraaq Imbaasii Ameerikaa Baagdaadiitti argamu haleelan

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Mormitoonni Iraaq Imbaasii Ameerikaa Baagdaadiitti argamu haleeluu isaanii ibsame.

Mormitoonni kunneen haloo Ameerikaan  haleellaa xiyyaaraan  Iraaq fi Sootiyaatti dilbata darbe loltoota biyyattii irratti raawwatte ba’uuf ta’uu ibsameera.

Ameerikaan dilbata darbe haleella humna xiyyaaraan Sooriyaa fi Iraaqitti raawwatten loltoonni 25 ol ajjeefamuun kan yaadatmuudha.

Mormitoonni kunneen sirna awwaalcha loltoota Ameerikaan ajjeefamanii booda Imbaasicha irratti haleellaa raawwataniiru.

Muummeen Ministiraa Iraaq Adeel Abduul Mahadiin gama isaaniitiin haleellaan Ameerikaan biyya isaanii keessatti raawwatte birbadummaa biyyattii kan sarbee fi hariiroo Ameerikaa waliin qaban kan guraacheeseedha jedhan.

Gochaa kana Iraaq gama isheen akka gochaa Shororkeessummaatti kan fudhattu akka ta’ee fi haloo kana bahuuf duub deebii kan laatan ta’uu ibsaniiru.

Mormitoonni dhaadannoo farra ameerikaa qabachuun dallaa,  karraa fi kaameeraa iccitii tika nageenya Imbaasichaa irratti tarkaanfii fudhataniiru.

Eegdoonni Imbaasichaa  humna qabaniin ittisuuf yaalii godhanis mormitoonni miiraan guuttamuun gara gamoo guddicha imbaasichaatti imalaa turaniiru jedhame.

Hojjettoonni imbaasichaa mooricha keessa jiraachuu fi dhabamuu isaanii wanti ifoome hin jiru.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.