Fana: At a Speed of Life!

Muuxannoon Itiyoophiyaan Misooma Paarkii indastiriin qabdu Maalaawiif galteedha-Embaasii Maalaawii

Finfinnee, Fulbaana 19, 2016 (FBC)– Muuxaanoon Misooma Paarkii Indastiriin Itiyoophiyaan yeroo gababaa keessatti horatte Misooma Paarkii Indaastirii Maalaawiif galtee cimaa ta’uu Itiyoophiyaatti Embaasiin Maalaawii ibse.

Itti Gaafatamaan Waajjiraa Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Obbo Fitsum Katamaan Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aa Embaasii Maalaawii Ivaansi Chiisaasuulaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin muuxannoon Itiyoophiyaan paarkii industirii ijaaruu fi misoomsuu irratti qabdu, ijaarsaa fi misooma paarkii industirii Maalaawiif galtee cimaa ta’uu Iivaans Chisasulaan ibsaniiru.

Muuxannoo korporeeshinichi paarkiiwwan industirii ijaaruu, misoomsuu fi bulchuu irratti horate bu’uureffachuun, misooma Maalaawwiin karoorfatte dhugoomsuuf dhimmoota galtee ta’anirratti bal’inaan mari’ataniiru.

Damicharratti mootummaa Maaalawii waliin hojjechuufis waliigalteerraa ga’amuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Jilli Maalaawwii Paarkii Indaastirii Hawaasaa fi Boolee Lammii daawwateera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.