Fana: At a Speed of Life!

Naannawaa biyyaattii tokko tokkotti qorri mudachuu mala-IRHQI

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015(FBC)-Waqtii Bonaa dhufaa jirutti naannawaa biyyattii Kaaba-Bahaa, Bahaa fi naannawaa Baddaa giddugaleessa biyyattiitti qorri cimaan mudachuu akka malu Inistitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa Ityoophiyaa beeksise.

Raagni haala qilleensaa waqtii Bonaa dhufu akka argisiisutti, naannawaa Galaanaa Paasifikitti haala idileen gadi qilleensi qabbanaa’aan akkasumaas, Kaabni Galaana Hindii ‘Negative IOD’ jala akka turu beeksiseera.

Kana malees bonni yeroo roobaa marsaa 2ffaa waan ta’eef, naannawaa Kibbaa fi Kibbaa Bahaa biyyattiitti dhiibaa uumuun haala qilleensaa gogaa akka qabaatan himameera.

Akkasumas naannawaa walakkeessaa Dhihaa biyyattiitti roobaa idilee fi idileen olii, Naannwaa Kaaba Bahaa, Giddugaleessa fi Bahaa biyyatti ammo rooba idilee akka argatan raagni haala qilleensaa ni mul’isa.

Kanaan walqabatee, naannwaa Kaabaa, Kaaba-Bahaa, giddugaleessaa fi Baha Ityoophiyaatti irra jireessaan haala qilleensaa gogaa akka qabaatan ragaan inistitiyuuticharraa argame ni mul’isa.

Dabalataan, ganamaa fi halkan qorri akka dabalu kan eegamu yoo ta’u, naannawaa Kaaba-Bahaa, Bahaa fi giddugaleessatti qorri cimaan akka mudatu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.