Fana: At a Speed of Life!

Naannawaalee waraanaan miidhaman deebisaanii dandamachiisuuf hojjechaa jiraachuu naannoleen lameen ibsan

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015 (FBC) – Naannawaalee waraanaan miidhaman deebisaanii dandamachiisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu naannoleen Beenishaangul Gumuzii fi Kibbaa beeksisan.

Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaa FBC waliin turtii taasisaniin, qabeenyaalee naannawaa waraanaan miidhaaman dandamachiisuuf tumsan walitti qabuuf hojiileen eegalmuu ibsaniiru.

Hojii kanaafis naannichi koree hundeessuun hojjechaa jiraachuu fi hanga ammaattis Birrii miiliyoona 52 ol waliitti qabamuu himaniiru.
Akkasumaas deeggarsa meeshaalee fi akkaakuu, deeggarsa ogummaa xiinsamuu taasisuuf hojjechaa jiraachaa eeraniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan gama isaaniin, naannawaalee waraanaan miidhaman damee hundaan deebisani dandamachiisuuf xiyyeeffannaan hojiileen garaagaraa gaggeeffama jiru jedhan.

Deeggarsaalee barbaachisoo gama dhiyeessuutiinis hojiilee jalqabaman cimsanii kan itti fufsiisan ta’uu mirkaneessaniiru.

Zuufaan Kaasaahuuntu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.