Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti abbootii qabeenyaa Birrii miiliyoona 780 ol galmeessisaniif eeyyamni invastimantii kenname

Finfinnee, Amajjii 23, 2014 (FBC)- Naannoo Harariitti abbootii qabeenyaa baatiiwwan 6 darbanitti kaappitaala Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 80 ol galmeessisaniif eeyyamni invastimantii kennamuu ibsame.

Naannichatti baatiiwwan 6 darbanitti abbootii qabeenyaa 41’f eeyyama invastimantii kennuuf karoorfamee turuu fi abbootii qabeenyaa 48 kaappitaala Birrii miiliyiina dhibba 7 fi miiliyoona 80 ol galmeessisaniif kennamuu hogganaan Biiroo Invastimantii Albuudaa fi Inarjii naannichaa obbo Mahaammad Yaahiyyaa ibsaniiru.

Abbootiin qabeenyaa kunneen dameewwan Manuufaakchariingii, Hoteela, Qonnaa fi kanneen biroorratti bobba’uuf  akkaatuma Proopoozaal isaaniin eeyyamni kennamuufii eeraniiru.

Eeyyamni kenname kan bara darbeen yeroo walbira qabamu caalmaa qabaachuu fi bara darbe abbootii qabeenyaa 45 kaappitaala Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 36 galmeessisaniif kennamuu yaadachiisaniiru.

Abbootiin qabeenyaa kunneen wayita gara hojiitti galan lammiilee kuma 3 oliif carraa hojii kan uuman ta’uu ibsaniiru.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.