Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti gabaa tasgabbeessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira- Obbo Ordiin Badirii

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC)- Naannoo Harariitti gabaa Sanbataa bifa itti fufiinsa qabuu fi omishaalee gabaaf dhiyaataan gatii madaalawaan waliinga’uuf hojiileen hojjetaman cimanii kan itti fufan ta’uu Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii ibsan.

Obbo Ordiin Badiriin naannichatti gabaa tasgabbeessuuf hojiilee hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Obbo Ordiin, wayita daawwannichaatti akka jedhanitti, gaaffilee bu’uuraa hawaasarraa ka’an keessaa qaala’iinsi jireenya tokko ta’uu fi rakkoo kana hambisuufis koreen hundaa’uun hojjechaa jira.

Gabaa idilee irratti hanqinni dhiyeessii fi daballii gatii mul’achaa turuu yaadachiisanii, yeroo ammaa oomishaaleen shamattootaaf dhiyaatan gatii gabaa idileen yoo madaalamu hir’isa gatii olaanaa akka qabu dubbatan.

Qaala’iinsi jireenyaa akka babal’atu kanneen taasisan fuuncaa faddaaltotaa addaan kutuu fi qonnnan bultoonni oomishaalee isaanii shamattootaaf akka dhiyeessan taasisuun gabaa tasgabbeesuuf xiyyeeffannaan ni hojjetama jedhaniiru.

Gabaa Sanbataa itti fufsiisuu fi aanaalee birootti babal’isuun hojiin qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu akka hojjetamus kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.