Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti sagantaa gurgurtaa kitaaba Dhaloota Ida’amuun Birrii miiliyoona 880 ol walitti qabamuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015 (FBC) – Naannoo Amaaraatti sagantaa gurgurtaa kitaaba Dhaloota Ida’amuu baatii tokkoof gaggeeffamuun Birrii miiliyoona 880 ol walitti qabamuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Kitaabni Dhaloota Ida’amuu Afaan Amaaraan maxxanfame kumni 10 fi Afaan Oromoon maxxanfame kumni 1 naannicha qaqqabuu isaa eerameera.

Kitaabileen kunneen adeemsa gurgurtaarra jiraachuu naannichatti Gorsaan Hirmaannaa fi Gurmaa’insa Ummataa Dooktar Gaashaw Awwaqaan ibsaniiru.

Galiin gurgurtaa kitaabichaarraa argamu miidhaginaa, Misoomaa fi Qorannoo Masaraa Faasiliif kan oolu ta’uu eeraniiru.

Gurgurtaa kallattii kitaabichaarraa Birrii miiliyoona 4 fi kuma 950, sagantaalee galii walitti qabuun Birrii miiliyoona 875 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Dooktar Gaashaw dubbataniiru.

Sagantaan kun Bitootessa 14,2015 eegaluu fi baatii tokkoof kan turu ta’uu ibsaniiru.

Yohaannis Darribawtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.