Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti sagantaan kitaaba Dhaloota Ida’amuu dubbiftootaa biraan ga’uu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti sagantaan kitaaba Dhaloota Ida’amuu dubbiftootaaf qaqqabsisuu gaggeeffamaa jira.

Galii kitaabicharraa argamuun Godambaan Aadaa sadarkaa isaa eeggate kan ijaaramu ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan ibsaniiru.

Mootuumaan Naannichaas Kitaabaa Dhaloota Ida’amuu Birrii miiliyoona 10’n bituun Barattootaaf kan raabsuu ta’uun eerameera.

Saganticharratti Pireezidaantii Naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan dabalatee, hoggantoonni olaanoo naannichaa, Abboottiin qabeenyaa fi Barattoonnii argamuu ragaan Biiroo Kominiikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.