Fana: At a Speed of Life!

Naannichi gurgurtaa Simmintoo bifa haaraan kan eegalu ta’uu beeksiise

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) – Al seerummaa daldala Simmintoo hambisuuf gurgurtaa Simmintoo bifa haaraan kan eegalu ta’uu Biiroon Daldalaa Indaastirii naannoo Sidaamaa beeksiise.

Qajeelfama gurgurtaa fi Raabsa Simmintoo Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsaa Naannawaa baase bu’uura taasiisuun naannichi qajeelfama gurgurtaa haaraa baasuu Hogganaan Biirichaa Obbo Ashaagiree Janbareen ibsaniiru.

Hanqina dhiyeessii oomisha Simmintoo furuuf Korporeeshiniin Divilooppimantii Sidaamaa fi Dhaabbanni dhuunfaa SM itti gaafatamummaan isaa murtaa’e waliin ta’uun waldaalee dargaggootaa 44f hojii dhiyeessuun kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Marsaa kanaan raabsi Simmintoo karaa magaaloota Hawaasaa, Lakkuu, Dhalataa Wandoo fi Dhaayeen kan raawwatamu ta’uu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Qaamoleen deeggarsa Simmintoo laatan kamiiyyuu tajaajilaaf gatii osoo hin dabalin gatii mootummaan kaa’een qofa akka gurguranii fi raabsitoonni Simmintoo raabsan nagayee seera qabeessaan socho’uu akka qaban hubachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.