Fana: At a Speed of Life!

Naannolee adda addaatti duulli talaallii Pooliyoo marsaa 2ffaan laatamaa jira

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC)- Naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Hararii, Uummattoota Kibbaa Lixaa Ityoophiyaa fi Gaambeellaatti duulli talaallii Pooliyoo daa’imman waggaa shani gadiif laatama jira.

Talaallichi sadarkaa naannoo iddoowwan adda addaatti laatamaati kan jiru.

Talaallichi naannoo Oromiyatti daa’imman umrii waggaa shanii gadi ta’aan miiliyoona 8 oliif laachuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Akkasumas naannoo Gaambeellaatti daa’imman kuma dhibba 1 fi kuma 40 kan laatamu ta’uu biiroon fayyaa naannichaa ibseera.

Naannoo Amaaraattis daa’imman miiliyoona 2.3 laatamuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsameera.

Haaluma walfakkatuun naannoo Harariitti daa’imman kuma 56 fi 300 oliif talaallichi kan laatamu ta’uun ragaan Biiroo Fayyaa naannichaarra argame ni muul’isa.

Uummattoota Kibbaa Lixaa Ityoophiyaattis daa’imman kuma 54 fi 951 talaallichi laatamaa jira.

Talaallichi Eebila 7 hanga 10tti waan laatamuuf maatiin daa’imman isaanii akka talaalchisan waamichi darbeera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.