Fana: At a Speed of Life!

Naannon Amaaraa geejibni ummataa gara naannichaa seenu akka hin jiraanne beeksise

Finfinnee, Bitootessa 21, 2012 (FBC) – Mootummaan naannoo Amaaraa kaleessaa eegalee geejibni ummataa gara naannichaa seenu akka hin jiraanne beeksise.
 
Kaleessa Bitootessa 20,2012 eegalee geejibni ummataa naannicha qaxxaamuru kamuu ittifamuusaa beeksiseera.
 
Murtichi eda halkan sa’aa 6:00 eegalee hojiirra ooluu jalqabuusaa Koomaand Poostiin Ittisa Weerara Vaayrasii Koroonaa beeksiseera.
 
Barattoonni yuunvarsiitii gara maatii isaaniitti galan garuu bifa addaatin kan keessummeeffaman ta’uu beeksiseera.
 
Hordoffii isaatif caasaa nageenyaa naannichaatif ajajni kennameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.