Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti dhaabbilee daldalaa 925 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraatti dhaabbilee daldalaa daballii gatii seeraan alaa taasisan 925 irratti tarkaanfiin fudhatame.

Daldaltoonni tarkaanfiin irratti fudhatame vaayrasii koroonaa sababeeffachuudhan daballii gatii hin malle taasisaniiru jedheera Biiroon Daldalaa fi Misooma Naannoo Amaaraa.

Gochaa akkanaa hordofuu fi to’achuuf gareen to’annoo amma aanaatti hundaa’uunis eerameera.

Shakkamtoonni 16 to’annaa jala oolanii qorannaan irratti gaggeeffamaa jira.

Tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf hojjetamaa kan jiru yammuu ta’u, hanqinni alkoolii fi haguuggii fuulaa fi funyaanii jiraachuun ibsameera.

Naatnaa’eel Xigaabuutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.