Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti hojii olaantummaa seera kabachiisuu hojjetamaa jiruun shakkamtoonni kumni 4 ol to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) – Tibbana duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffameen shakkamtoonni kumni 4 ol to’annoo seeraa jalaa oolfamuu Biiroon Buulchiinsaaf Nageenyaa Naannoo Amaaraa beeksiseera.
Biirichi haalaa yeroo naannichaa ilaalchisuun ibsa kenneera.
Itti Gaafatamaan Biirichaa obbo Dassaalany Xaasawu ibsichaan akka eeranitti, mootummaan hojii nageenyaa waaraa naannichaa mirkaneessuuf hojjetu cimsee kan ittifufuudha.
Hanga ammaatti hojii olaantumma seeraa kabachiisuutiin shakkamtoonni yakkootaa garagaraatiin shakkaman kuma 4 ol to’annoo seeraa jala oolu himaniiru.
Shakkamtoota kanneen keessaa 40 ol mana murtiitiin kan itti murtaa’eefi 210 ammoo ajjeechaadhaan kanneen shakkaman ta’uu himaniiru.
Yeroo ammaa kanneen seeraan ala ta’an to’achuuf sochii taasifamuun alatti nageenyi naannichaa sadarkaa amansiisarratti kan argamu ta’uu dubbataniiru.
Mootummaan nageenya naannichaa itti fufiinsaan mirkaneessuuf hojii isaa cimsee kan itti fufu ta’uu Obbo Dassaalany himaniiru.
Maqaa Faannoo isa sirri kan bakka hinbuune, maqaa Faannootiin gurmaa’anii gareewwan gochaa seeraan alaa ummatarratti raawwatan mootummaan obsa kan hinqabneef ta’uu ibsaniiru.
Miseensonni Faannoo caaseffama mootummaa jalatti akka hojjetan taasifamaa jiraachuu himuu isaanii AMC Gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.