Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Filannoo Nagalleetti filannoon adda citee ture gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Naannoo Filannoo Nagalleetti filannoon adda citee ture ha’a sa’aatii 12:00 eegalee gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Raawwachiiftoonnii fi taajjabdoonni 150 ramadamuu qindeessan naannoo Filannoo Nagallee obbo Amaanu’eel Birihaanuu ibsaniiru.
Naannoo Filannoo kanarratti kaadhimamtoota dhuunfaa 2 dabalatee kaadhimatoonni paartilee lamaa dorgommiif dhiyaachuu himaniiru.
Filannoo waliigalaa Waxabajjii 14, 2013 naannoo Filannoo kanarratti gaggeeffamaa tureen kaadhimamaan 1 komii dhiyeeffachuu hordofee boordiin filannoo biyyaalessa adeemsi filannoo akka adda citu taasiisuu obbo Amaanu’eel ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.