Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaa iddoolee garaagaraatti weerarri Raammoo muul’ate

Finfinnee, Caamsaa 20, 2013 (FBC) – Naannoo Kibbaa iddoolee garaagaraatti weerarri Raammoo gosti lama muul’achuu ibsameera.
Hawaasni weerara kana ittisuuf hojii hojjetamu cimsuu akka qabu Biiroon Qonnaa fi Qabeenyaa Uumamaaa naannichaa waamicha dhiyeesseera.
Gosti Raammoo inni tokko oomishaa Boqqoolloorra miidhaa cimaa qaqqabsiisuu kan danda’u yoo ta’u, inni 2ffaa ammo Raammoo ‘Afrikaa ArmiiWorm’ jedhamu gosa oomishaa hunda kan miidhu ta’uu itti aanaa hogganaan Biirichaa obbo Daani’eel Addaamxaw ibsaniiru.
Yeroo ammaa Raammichi lafa hektaara kuma 34 ol irratti kan muul’ate yoo ta’u, lafa hektaara kuma 18 ol irraa to’achuun danda’amuu dubbataniiru.
Godina Gaamoo dabalatee godinaalee naannichaa 7 keessatti muudachuu eeraniiru.
Birihaanuu Bagaashawutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.