Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti Ganna kana Dargaggoonni miiliyoonni 1.8 ol tajaajila tolaarratti ni hirmaatu jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) –Naannoo Uummattoota Kibbaatti Ganna kana Dargaggoonni miiliyoonni 1.8 ol tajaajila tolaarratti kan hirmaatan ta’uu ibsameera.
Tajaajila tolaa kanaan hojiilee Birrii biiliyoona 1.4 olitti tilmaamamu raawwachuuf hojjetamaa jiraachuu Federeeshiniin Dargaggootaa naannichaa beeksiseera.
Ganna kana dargaggoonni miiliyoonni 1.8 gosoota hojii garaagaraatti tajaajila tolaa laachuuf qophii taasiisaa jiraachuu Preezidaantiin Federeeshinii dargaggootaa naannichaa dargaggoo Sulxaan Aliin ibsaniiru.
Tajaajila tola ooltummaa kanarraa hawaasni miiliyoonni 5 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 92 ol fayyadamoo ta’u jedhameera.
Baajata mootummaa Birrii biiliyoona 1.4 oolchuuf kan hojjetamu ta’uu ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii mootummaa naannichaarraa argame ni mul’isa.
Hojiin dhaabbii biqiltuu, arjoomni dhiigaa, mana jireenyaa harka qalleeyyii haroomsuu fi kanneen biroo dameewwan hojii xiyyeeffannoon irratti hojjetamu ta’uus himameera.
Dargaggoonni naannichaa hundi hojii tola ooltummaa kanarratti akka hirmaatan waamichi dhiyaateera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.