Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti proojaktoonni gara hojiitti galan lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 60f carraan hojii uumame

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Naannoo Kibbaatti proojaktoonni gara hojiitti galan lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 60f carraa hojii uumuu himame.
 
Proojaktoonni invastimantii hojiIlee garaagaraatti bobba’an kumni 2 ol lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 59 fi 652f carraa hojii dhaabbii fi yeroo uumuu isaanii Koomishiniin Invastimantii naannoo Kibbaa beeksiseera.
 
Proojaktoonni aanaalee fi godinaalee naannichaa keessaatti hojii qonnaa, Indaastirii fi damee tajaajilArratti bobba’an hawaasa naannichaaf ca’emsa teeknooloojii fi ogummaa taasisaa jiraachuu Koomishinichi ibseera.
 
Proojaktoonni haaraan ijaarramaa jiran yeroo jedhame keessatti xumuramuun hawaasa naannichaaf tajaajila barbaachisu akka laataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himameera.
 
Proojaktoota invastimantii 75 eeyyama fudhatanii haala waliigalteen hojiitti hin gallee 75 irratti tarkaaffiin fudhatamuu Koomishinarri Koomishinii Invastimantii naannichaa obbo Asiraat Asaffaa ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan proojaktoota 49f of eeggannoon kan kenname ta’uu fi walii galteen proojaltoota 23 ammoo haqamuu himaniiru.
 
Lafti hektaarri kumni 1 fi 680 gara baankii lafaatti deebi’uu eeraniiru.
 
Mirgi qaraxa bilisaa abbootii qabeenya 4 irraa kaafamuus himaniiru.
 
Akka Biiroon dhimmoota koomiiniikeeshiniin mootummaa naannichaa ibsetti,yeroo ammaa Proojaktoota 189 ulaagaalee barbaachisu xumuraniif lafti hektaarri kumni 14 fi 690 akka darbuuf kaabineen naannichaa murtee dabarseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.