Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti sagantaan beeksisa maaddii madaalawaa gaggeeffame

Finfinne, Sadaasa 13, 2015(FBC)- Naannnoo Ummattoota Kibbaatti sagantaan beeksisa ‘Maaddii Madaalawaa’ Godina Halaabaatti gaggeeffame.

Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantii Naannoo Kibbatti Hogganaan Kilaastara Baadiyaa fi Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannichaa Obbo Usmaan Surur, faayidaa beeksisa maddii madaalawaa ibsaniiru.

Obbo Usmaan ,qabeenyaa umaamaa naannichaatti fayyadamuun, fayyadamumaa hawaasa guddisuun barbachisaa akka ta’e eeraniiru.

Sanyiilee beeylaadaa naannichaa fooyyessuun oomishtummaa aannanii guddisuun murteessaa ta’uu ibsuun, naannichatti giddugaleessaan oomishtummaa aannanii liitiraa 14-38 guddisuun akka danda’ame eeraniiru.

Saganticharratti Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Riistuu Yirdaa, Hogganaa Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Kibbaa Obbo Xilaahuun Kabbadaa fi hoggantoonni olaanoo naannicha biroon argamuu ragaan biiroo kominiikeeshinii naanicharra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.