Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti yeroon galmeessa meeshaalee waraanaa torbee tokkoof dheerate

Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC) – Naannoo Kibbaatti yeroon galmeessa meeshaalee waraanaa yeroo dhumaaf torbee tokkoof dheerachuu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannichaa beeksiiseera.

Akaataa labsii yeroo ariifachiisaan namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen guyyoota shan keessatti meeshaalee waraanaa akka galmeessan murtoon darbus galmeen guyyoota jedhame keessatti xumuramuu dhabuu isaani Sadaasa 3 eegalee guyyoota 7f akka dheeratu murtaa’ii Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaasteera Bulchiinsa Gaarii fi Hogganaan Biiroo Bulchiinsaaf nageenyaa naannoo Kibbaa obbo Alamaayyoohu Baawuddiin ibsaniiru.

Namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen hanga ammaatti meeshaalee waraanaa hin galmeessine yeroo hafa kana keessatti galmeessuu akka qban waamicha dhiyeessuu isaanii Miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.