Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Duulli “Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti’’ jedhu ifatti eegalame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatt Duulli Sagalee dhageessisuu “Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti’’ jedhu ifatti eegalameera.
Kaayyoon duulichaa haqni Ityoophiyaa karaa qajeelaa ta’een akka hubatamu taasiisuudha jedhame.
Yakka ABUT hojjetaa jiru qaamolee biyya keessaa fi alaa birratti sirnaan akka hubatamu duula eegalame ta’uu himameera.
Dhimmi kun karaa sirriin akka hubatamu taasisuuf duulli sagalee dhageessisuu “Poostaa Adii hanga Masaraa Adii’ jedhu akka Naannoo Oromiyaatti eegalamuu Itti Gaafatamaan Siyaasaa Liigii Dargaggootaa Oromiyaa Adinaan Hajii ibsa miidiyaaleef laataniin ibsaniiru.
Yoo xiqqaate Oromiyaa keessatti Aanaa tokko keessatti Dargaggoonni 1500 kan itti hirmaatan ta’uu, waliigala akka Naannoo Oromiyaatti dargaggoonni Miiliyoonni 1 ol xaalayaa kana ni mallatteesuu jedhaniru.
Duulli kun guyyaa labsamerraa eegalee hanga Fulbaana 15 bara 2014tti itti fufa jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.