Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti manneen barnootaa Bultii Addaa fi sadarkaa 2ffaa Birrii biiliyoona 4.9 ijaarsiisuuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Onkololeessaa 9, 2013 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa manneen barnootaa Bultii Addaa fi sadarkaa 2ffaa proojektii Ifaa boruu jedhamuun ijaarsiisuuf kontiraaktarootaa fi gorsitoota ijaarsa projektichaa fudhatan waliin waliigaltee mallatteesse.
 
Proojektii Ifaa boruun manneen barnootaa Bultii Addaa 7 fi sadarkaa 2ffaa 100 godinaalee fi aanaalee naannichaa garaagaraa keessatti kan ijaarraman ta’uu ibsameera.
 
Hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo sirnicharratti argamuun haasawa taasiisaniin, mootummaan naannoo Oromiyaa bara kana haala kana dura hin baramneen proojektoota kanneeniif Birrii biiliyoona 4.9 ramaduu isaa ibsaniiru.
 
Proojektiin kun dhaloota beekkumsaan ijaarrame horachuu keessatti ga’ee olaanaan qabaachuu ibsaniiru.
 
Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gama isaaniin, proojektoonni kunneen baatii 7-8 keessatti xumuramuun bara barnootaa 2014f qophii akka ta’an Kontiraaktaroonni kenneen imaanaa itti laatame ga’umsaan ba’uu qabu jedhan.
 
Milkaa’ina ijaarsa proojektoota kanneeniif mootummaan naannoo Oromiyaa sirna deeggarsaa fi hordoffii diriirseen hordoffii barbaachisu hunda kan taasiisu ta’uu ibsaniiru.
 
Obbo Shimallis Kompiyuutaroota 210 tattaaffii dhuunfaa isaaniin deeggarsa biyya alaa irraa argatan manneen barnootaa godinaalee 7 aanaalee 7 keessatti argamaniif 30 gumaachaniiru.
 
Buzaaleem Beenyatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.