Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Proojaktii ‘Biiftuu Borii’ jedhuun manneen barnoota sadarkaa garagaraan ijaarsisu hojii eegalufi

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Proojaktii ‘Biiftuu Borii’ jedhuun manneen barnoota sadarkaa garagaraa 147 ijaaramuuf jedhan guyyaata muraasa keessatti ijaarsa isaanii jalqabufi.

Naannoo Oromiyaatti Piroojeektii ‘Biiftuu Borii’ jedhuun manneen barnoota sadarkaa garagaraa 147 ijaaramuuf jedhan guyyaata muraasa keessatti ijaarsa isaanii jalqabsiisuuf qophiin xumaramuu isaa Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastaraa Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan dubbatan.

Obbo Aaddisuun Ibsa guyyaa har’a kennaniin Proojaktii kanaan tokkoon tokkoon isaanii Birrii miliyoona 100 fi miliyoona 30n kan ijaaraman manneen barnootaa bultii addaa 7 kan ijaaraman ta’a.

Manneen Barnootaa Bultii Addaa kunniin tokkoon tokkon isaanii barattoota godinaalee Oromiyaa garagaraa irraa dorgomuudhaan kan darban 1000 bulchanii kan barsiisuu danda’ani dhaa jedhaniiru.

Kanaan alattiis manneen barnootaa addaa 40 godinaalee oromiyaa garagaraatti kan ijaaraman ta’aas jedhan.

Dabalataaniis manneen barnootaa sadarkaa olaanaa 1000 godinaalee oromiyaa garagaraatti kan ijaaraman ta’a.

Walumaa galatti piroojektii ijaarsa manneen barnootaa kanneeniif Birriin biliyoona 4.5 kan qabame yemmuu ta’u ijaarsi isaaniis baatii 7 hanga 8tti ni xumuramaan eegamaa jedhaniiru Obboo Addisuun.

Buzaalam Beenyaatu Gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.