Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Proojeektiiwwan tajaajila bishaan dhugaatii 82 hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Proojeektiiwwan tajaajila bishaan dhugaatii 82 idileen hojjetamaa jiraachuu Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa beeksise.

Bara kana proojeektiiwwan tajaajilaa bishaan dhugaatii 33 sadarkaa naannootti hojjechuuf karoorfamee keessaa ijaarsa proojeektiiwwan bishaan dhugatii 18 xumursisuun sadarkaa wal harkaa fuudhiinsarra ga’uu  Ittaanaan hoggaanaa Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injinar Abboomaa Tarreessaa ibsaniiru.

Kanneen keessaas Proojeektiiwwan tajaajilaa bishaan dhugaatii 7 godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti hojjetamaa jiran sababa rakkoo nageenyaan hojjetamuu kan hin dandeenye ta’uu kaasaniiru.

Sadarkaa godinattis proojeektiiwwan bishaan dhugaatii 268 baajata godinaaleen hojjetamaa jiraachuu Injinar Abboomaan himaniiru.

proojeektiiwwan bishaan dhugaatii mootummaa naannichaan hojjetaman 82 keessaa hanga hammatti proojeektiiwwan 33 xumuramuu ibsaniiru.

Proojeektiiwwan tajaajila bishaan dhugaatii hirmaanaa hawaasaan hojjetamaa jiran 500 xumuramaa jiraachuu hoggantichi kaasaniiru.

Sagantaa proojeektii “One wash’’ jalatti proojeektiiwwan 31 hojii keessaa galanii jiraachuu himaniiru.

Sagantaa baaskeet fandiinis proojeektiin bishaan dhugatii xumuramuun tajaajilaaf ga’uu eeraniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.