Fana: At a Speed of Life!

Naannoo sulula Awaashitti misoomni qamadii gammoojjii hojjetamaa jira

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) – Naannoo sulula Awaashitti misoomni qamadii gammoojjii hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Lafa heektaara kuma 10 ol irratti misoomni jallisii qamadii gammoojji hojjetamaa jiraachuu ministeerichi ibseera.

Kana keessaa lafti hektaarri kumni 4 sanyii qamadii naannoon walsimatuun uwwifameera.

Gurraandhalaa eegalee sassaabbiin oomishaa kan eegalamu ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Misoomni jallisii kun sulula Awaash naannoo Oromiyaa fi Afaar keessatti lafa qonnaan bultotaa, horsiisee bulaa, abbootii qabeenyaa fi qorannoo qonnaa irratti hojjetamaa kan jiru.

Hojicha babal’isuudhan oomisha qamadii biyya alaarraa galu kan biyya keessatiin bakka buusuuf kan hojjetamu ta’uun ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.