Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigiraayitti dhaabbii biqiltuuf kan oolu lafti heektaara kuma 25 meeshaa ammayyaa’aan adda ba’eera

Finfinnee, Caamsaa 22, 2012 (FBC) – Naannoo Tigiraayitti dhaabbii biqiltuuf kan oolu lafti heektaara kuma 25 meeshaa ammayyaa’aan adda ba’eera.

 

Ganna bara kana kan adeemsifamu dhaabbii biqiltuuf kan oolu lafti heektaara kuma 25 hojiin meeshaa ammayyaa’aan adda basuu dabalatee qophiin barbaachisu hundi raawwatamuu Biiroon Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa Naannoo Tigiraay beeksise.

 

Daayreektarri Itti fayyadama misooma Bosonaa Biiroo Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa Naannoo Tigiraay obbo Mu’uuz Hayiluu Tajaajila Oduu Ityoophiyaaf akka ibsanitti hanga ammaatti tajaajila dhaabbiif kan ta’u lafti heektaarri kuma 25 qophaa’uu himaniiru.

 

Hojii misooma biqiltuu milkeessuf bool’i miiliyoona 13 qotamuus ibsaniiru.

 

Bara kana naannichatti biqiltuuwwan garagaraa miiliyonna 80 dhaabuuf kan kayyeeffame yoo ta’u, Waxabajjii 15, 2012 eegalee hojiin biqiltuu dhaabuu kan eegalamuu ta’uu himaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.