Fana: At a Speed of Life!

Naannoolee Oromiyaa fi Kibbaa hongeef saaxilamanitti nyaatni beeyladaa misoomaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 3, 2014 (FBC) – Naannoolee Oromiyaa fi Kibbaa hongeef saaxilamanitti hojiileen nyaata beeyladaa misoomsuu gaggeefamaa jiraachuu hoggantoonni Biiroolee Qonnaa naannolee lameenii ibsan.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu, oomishtummaa beeyladootaa guddisuu, sanyiilee fooyyessuu fi nyaata beeyladaa gahaatti dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Godina Booranaa dabalatee naannawaa hongeen miidhamanitti nyaata beeyladaa misoomsuuf bu’uuraalee misoomaa hidha bishaaniirratti bal’inaan hojjetamaa akka jirus kaasaniiru.

Sadarakaa naannichaattis bara 2015’tti naannawaalee hongeen miidhamanitti misooma nyaata beeyladaaf lafti hektaarri kumni 90 qophaa’uu ibsaniiru.

Nyaata beeyladootaa biraa darbees dhiyeessii bishaan dhugaatii beeyladootaa gamanumaa hojjechuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Kibbaa Obbo Usmaan Suruur gama isaaniin, qonni qindaa’aan wabii nyaataa mirkaneessuuf furmataa baaftuu ta’uu ibsanii, misooma qabeenya beeyladaarratti xiyyeeffachuu barbaachisas jedhan.

Akka biyyaalessaatti waggatti aannaan liitiriin miiliyoonni 22 akka eegamu kaasuun, oomishi yeroo ammaa garuu liitirii miiliyoona 7 akka hincaalee ibsaniiru.

Naannichi beeyladoota diqaalomsuu irratti xiyyeeffachuun, akka maatiittis nyaata beeyladoota karee meetira 400 irratti misoomsuun, ofirraa darbanii kanneen biroof gurgurtaan dhiyeessuu akkataa danda’anirratti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan naannawaa hongeen miidhamanitti hanqinni nyaata beeyladaa akka hinmudanneef nyaata gahaa oomishuuf xiyyeeffannaan akka hojjetamu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.