Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Hararii Og barruu fi aartii Oromoo guddissuuf hojjechuu qaba jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2013 (FBC) – Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii naannoo Hararii haala Og barruu fi aartii Oromoo guddissuun danda’amurratti qooda fudhattoota waliin marii paanaalii gaggeesseera.

Ogummaan Aartii guddina hawaasaaf qooda olaanaa qabaachuu Af Yaa’iin Mana Maree naannichaa aadde Addisaaleem Bazzaabbihi ibsaniiru.

Keessattuu dhaloota qaruuf, guddina Afaanii, Aadaa fi Tuuriizimiif faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa Og barruu fi aartii oromoo guddissuuf Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii naannichaa hojiilee jajjabeessaa hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojii mootummaan hojjechaa jiru caalmaatti babal’isuuf qooda fudhattoonnin ga’ee isaanii ba’uu akka qaban eeraniiru.

Marii paanaalii kanarratti barreeffamoonni qorannoo Og barruu fi aartii Oromoorratti xiyyeeffate dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.