Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Hararii Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 31 taasise

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC) – Naannoon Hararii Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 31’tti tilmamamu taasise.

Deeggarsichaas Ittaantuu Pireezidaantii Naannichaa Aadde Misraa Abdallaa, Ministir Deetaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Maartaa Liwiijiitti kennaniiru.

Aadde Misraan akka jedhanitti hawaasni Naannoo Hararii Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa dhaabbachuuf deeggarsa akaakuu fi maallaqaan Birrii miiliyoona 31’tti tilmaamu taasiseera.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Martaa Liwiijii gama isaaniin ummanni Ityoophiyaa hunduu loltuu ta’uu ibsanii, deeggarsa ummanni Naannoo Hararii taasiseef galateeffataniiru.

Weerara gareen shororkeessaa ABUT dhaabuu fi birmadummaa biyyaa mirkaneessuuf Raayyaan Ittisaa Biyyaa wareegama hanga lubbuutti kaffalaa jiraachuu kaasaniiru.

Ummani Ityoophiyaas deeggarsa Raayyaa Ittisaaf taasisu cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeessuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.