Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Kibbaa bara baajataa kana Buna meetirik Toonii kuma 64 gabaaf dhiyeessuu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Naannoon Kibbaa bara baajataa kana Buna meetirik Toonii kuma 64 gabaaf dhiyeessuu beeksiise.
Sosochiin sagantaa dhaabbii biqiltuu Bunaa gannaa kanaa Godina Geediyootti eegalameera.
Qonnaan bultoonni abdii Ityoophiyaa ta’uu saganticha kan eegalchiisan Itti aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw ibsaniiru.
Bara baajataa xumurame kana Bunni Meetirik Tooniin kumni 64 gabaa Alaaf dhiyaachuu fi yeroo itti aanu meetirik toonii kuma dhibba 1 gabaaf dhiyeessuuf karoorfamuu obbo Iristuun himaniiru.
Imala Badhaadhina biyyattiin eegalte mirkaneessuuf qonnaan bultoonni humna guddaa ta’uu kaasaniiru.
Maqdas Asaffaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.