Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Kibbaa Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiise

Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC) – Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Kibbaa sangoota 55 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiiseera.
 
Deeggarsa ummataa fi mootummaa naannoo Kibbaarraa ergame jaarsoliin biyyaa fi hoggantoonni mootummaa naannichaa addaa Waraanaa Wallootti argamuun Raayyaa Ittisaaf laataniiru.
 
Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu kun hanga xumuramutti deeggarsa itti fufiinsa qabu kan taasiisan ta’uu jaarsoliin biyyaa kunneen ibsaniiru.
 
Wareegama Raayyaan Ittisaa biyya baraaruuf kaffalaa jiruuf deeggarsi walirraa hin cinnee murteesaa ta’uu gorsaan dhimmoota Nageenyaa Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Kuttaayye Kuusiiyaan dubbataniiru.
 
Deeggarsa Ummannii fi mootummaan naannoo Kibbaa Raayyaa Ittisaaf taasiisan Ajejaan Kutaa Waraanaa 13ffaa Kolooneel Hashiim Mahaammad galateeffachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Kibbaarraa argame ni muul’isa.
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.