Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa bara baajata 2013tti warqee kiiloo giraama kuma 4 ol Baankii Biyyoolessaaf dhiyeesse

Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC)- Naannoon Oromiyaa bara baajata 2013tti warqee kiiloo giraama kuma 4 ol Baankii Biyyoolessaaf dhiyeessuu Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa beeksiseera.

Damee albuudaa gudina diinagdee biyyaaf akka gumaachuuf roodmaappiin seektara misooma lbuudaa wixineeffaa jiraachuu Sadarkaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amanteen himaniiru.

Dooktar Girmaan kana kan jedhan waltajjii Marii waldaalee oomishtootaafi dhiyeessitoota sookoo/warqiifi albuudaalee midhaginaa biroo waliin Adaamaatti taa’amerratti.

Waltajjii kun akkataa waldaalee oomishtootaafi dhiyeessitoota sookoo/warqiifi albuudaalee miidhaginaa biroo cimsuun danda’amuufi hanqinaalee jiraniif furmaata kennuun danda’amurratti kan xiyyeeffateedha.

Damee albuudaaf mootummaan xiyyeeffannaa kennuu kan himan Dooktar Girmaan, damechi gahee isaa sirnaan dinagdee keessatti akka bahatuuf roodmaappiin misooma albuudaa wixineeffamaa akka jiru kaasaniiru.

Naannoo Oromiyaa bara baajata 2013tti warqee kiiloo giraama kuma 4 ol Baankii Biyyoolessaaf dhiyeessuu Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa himeera.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.