Fana: At a Speed of Life!

Naayjeeriyaatti dhoo’insa qaqqabeen lubbuun namoota 17 darbe

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Naayjeeriyaatti daddabarsa sarara boba’aa irratti dhoo’insa qaqqabeen lubbuun namoota 17 darbeera.

Dhoo’insichi konkolaataan fe’umsaa siliindaarii gaazii baafataa fi kuusaa boba’aatti ega bu’een booda kan mudatedha.

Dhoo’insichaan kanneen du’an dabalatee manneen jireenya fi suqonni daldalaa 100 ol ta’an barbadaa’aniiru.

Dabalataanis dhoo’insichaan konkolaattonni garaagaraa gubataniiru.

Asiin duras boottee boba’aa fe’u irratti dhoo’iinsa qaqqabeen lubbuun namoota 45 yoo darbu, namoonni 100 ol ta’an ammoo madaa’aniiru.

Maddi:-Aljaziira

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.