Fana: At a Speed of Life!

Nageenya fi misooma mirkaneessuuf tumsi uummataa cimuu qaba-Obbo Awwaluun Abdii

Finfinnee, Bitootessa 14, 2016 (FBC)- Nageenyaafi misooma mirkaneessuuf tumsi ummataa daran cimuu akka qabu Pireezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluun Abdii akeekan.

Jilli Obbo Awwaluu Abdiin durfamu godina Horroo Guduruu Wallaggaatti bakka buutota jiraattotaa Aanaa Sulula Fincaa’aa fi hojjettoota Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa waliin mari’ataniiru.

Jiraattonni maricharratti hirmaatanis misoomni akka hingufanneef qaamolee nageenyaa waliin tumsa taasisaa turuu eeruun, hanqinni bu’uuraalee misoomaa jiru akka furamuuf gaafataniiru.

Bulchaan Godinichaa Obbo Mirreessaa Fiixee, rakkoon Nageenyaa kan furamu qaamolee nageenyaan qofa osoo hin taane ummanni qindoomuun nageenya isaaf waardiyaa yoo dhaabbateedha jedhan.

Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Komishinar Araarsaa Mardaasaan, Misooma Itti Fufsiisuuf nageenya mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu kaasan.

Ummannis nageenya waaressuu keessatti gahee isaa bahachuuf ijaaramuu qabas jedhan.

Obbo Awwaluu Abdii, qaamolee nageenyaa fi misooma gufachiisan irratti mootummaan hojjetaa jira jedhan.

Gaaffilee misoomaa uummataa deebisuuf duraa duubaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Ummannis nageenyaa fi misoomaa mirkaneessuuf hojiilee eegalaman tumsuu akka qabu dhaamuu OBN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.