Fana: At a Speed of Life!

Nageenyaa fi tasgabbii lammiilee akkasumas itti fufiinsa biyyaa mirkaneessuuf furmaanni olaantummaa seeraa kabachiisuudha -TKM

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Nageenyaa fi tasgabbii lammiilee akkasumas biyya itti fufsiisuuf furmaanni olaantummaa seeraa mirkeessuu qofa ta’uu Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Tajaajilichi ibsa laateen iddoowwan tokko tokkotti kan muul’atan alseerummaa fi nageenyi boora’uun mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisu uummanni irra deddeebiin sagalee tokko gaafata tureera.

Kana dura Manni Maree Nageenyaa dhimmoota kanneen gamaaggamuun tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an fudhachuu akka qabu eeramuun isaa ni yaadatama.

Tibba kana magaalaa Finfinnee dabalatee naannolee hunda keessatti qaamoleen nageenyaa federaalaa fi naannolee tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu fudhachaa jiraachuu ibseera.

Naannoo Oromiyaa fi naannolee ollaatti gareen shororkeessaa Shanee humnoota badii biroo waliin ta’uun halleellaa uumatarraan ga’aa jiran hambisuuf mootummaan tarkaanfii milka’aa fudhataa jira.

Naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti humnoota shororkeessaa Alshabaab irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiru karaa milkaa’een itti fufeera.

Akkasumas humnoonni badii naannoo Amaaraatti maallaqni seeraa alaa fi daddabarsi meeshaalee waraanaa, gareen hundaa’uun qabeenya namoonni dhuunfaa horataanii saamuun akkasumas barbadeessuurratti bobba’aan, lubbuu namaa ajjeesuu, hawaasaa tokko kan biroon walitti buusuun naannichi akka hin tasgabboonfe taasisuun garicharratti tarkaanfiin fudhatamaa akka jiruu ibsameera.

Magaaloota Finfinnee fi Oromiyaatti gareen hundaa’uun gocha hannaa adda addaarratti bobbaa’uun, maallaqaa fi meeshaalee waraanaa daddabarsuun akkasumas lootee seentoota garee wayyaaneerratti tarkaanfii fudhatamaa jiraachuus himeera.

Naannolee hundatti oppireeshinii gaggeeffamaa jiruun hidhattoonni garee fi dhuunfaa qabeenya saamanii fi badii gara fuulduraatti raawwachuuf karoorfatan dabalatee sanadoota adda addaa waliin to’atamuu ibseera.

Tarkaanfii mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuu, nageenya lammiilee eeguu fi biyya itti fufsiisuuf fudhata jiruuf ummanni deeggarsa olaanaa taasiisaa jiraachuu.

Gareen shororkeessaa ABUT fi deeggartoonni isaa tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru hordofee garee hokkora uumuuf sochu keessattuu hojiilee olaantummaa seeraa mirkaneessuuf naannoo Amaaraatti hojjetamaa gufachuuf garee karaa seeraan alaa socha’u deeggaruuf gamanumaan ibsaa jiraachuu himeera.

Keessattuu gareen badii maqaa Faannoon saamichaa fi ummatarratti gantummaa olaanaa raawwachuun diinaa Ityoophiyaa ta’uu isaa ibseera.

Ummanni biyyatti hundi shira diinaa kana hubachuun tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru cimsee akka deeggaruu fi ga’ee irraa eegamu ba’uu akka qabu gaafateera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.